ONM-ABO Guraandhala 10, 2023 Murni haaloo dirree lolaa Uummata fayyaalessa irratti baafatu, Kibba Oromiyaa Godina Gujii Lixaafi Gujii bahaa keessatti uummata fayyaaleyyii hirmaannaa siyaasaa hoomaatuu keessaa hin qabne WBO waliin hariiroo qabdu jechuun namoota lama ajjeesuun gatani.
Gurraandhala 9, 2023 ganama Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda dibbissaa oggoo idoo addaa sukkee jedhamu keessatti waraanni mootummaa dargaggeessa maqaan isaa Abarraa Uddeessaa Musaree jedhamu abbaa daa’immaan sadii rasaasaan ajjeesaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun
Waraanni PP Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban ganda booba arda tulliitti nama maqaan isaa Xaaxoo Miyoo Jaarsoo Gabaaboo jedhamu kaleessa Guraandhala 9, 2023 badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeeseera.
Tarkaanfii WBO fudhatu dandamachuu kan dadhabe Waraanni PP dirree lolaa irraa baqatee of duuba deebi’uun haaloo isaa uummata nagaa irratti ba’aa jiraachuufi warreen ajjeefaman kunis badii qabaatanii otoo hin taane, Oromummaan yakkamanii ta’uu maddeen keenya onoota lameen irraa gabaasaniiru.