ONM-ABO Guraandhala 14, 2023 Kaayyoo fi akeeka isaanii ilmaan Oromoo diinagdeen cabsuu kan ta’e murni bilxiginnaa dabballootaa fi milishoota gandoota aanaatti bobbaasuun maqaalee garaagaraa moggaafachuun uummata saamaa jiru.
Tajaajila uummatni irraa argachaa hin jirretti maqaa Inshuuraansii fayyaa fi buusaa gonofaa jedhuun godina baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti abbaa warraa cufa irraa maallaqa funaanu.
Namoota maallaqni nuti wagga waggaan kafallu eessa ga’ee fi tajaajila irraa argachaa jirru hin qabnu jechuun maaliif nu dhamaastu jechuun gaaffii dhiyeessan ergamtoota waraana bilisummaa Oromoo fi warreen biyya diigan jechuun reebichaa fi his has irraan ga’aa jiru.
Dabballootni PP kun mooraa bulchiinsa magaalaa Badannootti uummata hundaa walitti qabuun maallaqa jedhame hin kaffaltan taanaan ni miidhamtu jechuun doorsisaa namootni turan maqaan isaanii Suufii ,Kimiyaa bulchaa ganda 01, Wandiyyee bulchaa ganda 02 fi Keeriyyaa bulchituu ganda 03 kanneen jedhaman kun milishoota of jala hiriirsuun uummatatti dhaadachaa turuu maddeen ibsaniiru.