• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa 2 mooraa magaalaa Naqamtee keessaa baduun godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti WBOtti harka kennatan

Feb 14, 2023

ONM-ABO Guraandhala 14, 2023 Murni bilxiginnaa waggaan shan guutuu ilmaan haadha hiyyeessaa lola isaan hin ilaallannetti hiriirsuun akka baalaa harcaasisuus, yeroo ammaatti ilmaan Oromoo cubbuu saba kiyya irratti hin dalagu jedhanii fi lubbuu kiyyaan barcuma Abiy Ahimed hin tiksu jedhan sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
 
Dheengadda Guraandhala 12, 2023 ilmaan Oromoo miseensota waraana bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayerattii ta’an lama godina baha Wallaggaa mooraa magaalaa Naqamtee bakka Jaatoo jedhamuu ba’uun WBO bira nagaan ga’anii jiru.
 
Ilmaan Oromoo kun qawwee AKM Turkii 2, rasaasa 500, boombii 3 fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
 
Erga WBO bira ga’anii rakkoon tokko illee akka irra hin geenye kan dubbatan miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii duranii kun, haalota adda addaan goyomsamanii saba isaanii irratti hidhachuun Oromiyaa dachee dhiigaa taasisuu isaaniif uummata Oromoo dhiifama gaafachuun, murna bilxiginnaa balaaleffatanii jiru.
 
Dhuma irrattis ilmaan Oromoo sirnicha keessa jiran alagaa fi geggeessitoota imammata alagaa waliin saba isaanii ajjeesuu irra saba isaaniif du’aanii qaanii oolchuun gootummaa waan ta’ee qawwee isaanii qabatanii akka gara irree fi gaachana uummata Oromoo WBOtti harka kennataan dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply