ONM-ABO Guraandhala 14, 2023 Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ga’ee isaanii kan taphatan barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo, mormii afaan Oromoon maaliif waaqeffattuuf sinidoosii Ortodoksii Oromiyaa irratti finxaaleyyiin eegalan dura dhaabbachuunii fi deggersa phaaphasota haaraa mudamaniif qaban agarsiisuuf hiriira ba’uu itti fufanii jiru.
Kaleessa Guraandhala 13, 2023 barattootni Oromoo mooraa yuuniversitii Dambii Doolloo keessatti geggeessaa turan.
Hiriira kaleessa uffata adii uffachuun mooricha keessatti geggeessaniin afaan Oromoon barnootni amantii fi sirni amantii Ortodoksii geggeeffamuuf Sinidoosii Oromiyaa dhaabbatee fi phaaphasota haaraa mudaman akka deggeran ibsuun mormii sirnichaaf qaban agarsiisanii jiru.
Qaqqaaliiwwan barattootni Oromoo kun dhaadannoolee amantii da’oo godhachuun Itoophiyummaa fi natu siif beekan hin hojjetu, mirga afaan keenyaan tajaajilamuu qabna, mirga abbaa biyyummaa keenya kabachiifachuun deebii hundaa fida, Abiyyii fi bilxiginnaa irraa deebii waaraa eeggachuun of goyyomsuu dha, bilxiginnaa buqqisnee Oromiyaa walabaa ijaaruu qabnaa fi WBOn gaachana uummata Oromoo ti jechuun dhaadachaa turan.
Barattootni Oromoo Yuuniversitii Dambii Doolloo roorroo yeroo garaagaraatti hiriira ba’uun sagalee saba isaaniif ta’aa turuun ni yaadatama.