ONM-ABO Guraandhala 15, 2023
Murni bilxiginnaa akkuma a abboota isaan yaada uummataa afaan qawween ukkaamsuu fi hiriirtota irratti dhukaasa roobsuu akkasumas reebicha geggeessuun namootni gareen gadi ba’anii akka gaaffii isaanii hin dhiyeeffanne barbaadu guyyaa dheengaddaa barattoota irratti hammeenya yaadanii turan.
Wiixata darbe hiriira deggersa sinidoosii orthodoksii Oromiyaa fi mormii murna bilxiginnaa barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Dambii Doolloo geggeessan irratti poolisootni humna addaa Oromiyaa mooraa seenanii barattoota reebuu yeroo ka’anitti barattootni sodaa tokko malee dura dhaabbachuun kaayyoo ba’aniif milkeessataniiru.
Ergamtootni Abiy Ahimed barattoota nagaan sagalee isaanii dhageessisaa turan irratti miidhaa geggeessuuf mooraa 05 irraa wal guuranii dhaqanis itti hin milkoofne.
Qaqqaaliiwwan ilmaan hiriira poolisota humna addaa Oromiyaa kana itti qaanessan kanaan deggersa sinidoosii Oromiyaaf qaban dhaadannoo fi sirbaan akkasumas mormii murna bilxiginnaaf qaban dhaadannoo jajjabduu sirnicha akkaan balaaleffatuun oo’isaniiru.
Hiriira tokkummaan barattootaa irratti mul’atee fi akeekni abaaramaan dhiiga dhangalaasuu poolisoota humna addaa Oromiyaa keessatti feshele kanaan gaachanni uummata Oromoo WBOn leellifamaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa mooraa Yuuniversitii Dambii Doolloo gabaasaniiru.