ONM-ABO Guraandhala 15, 2023
Murni bilxiginnaa uummata gammoojjummaan babal’achuun oomisha ga’aa argachaa hin jirre deggersa hojii mootummaa jechuun godinoota kibba baha Oromiyaa irraa qamadii guuruu itti fufee jira.
Torbee darbee qabuun godina Arsii bahaa aanaa Siree keessatti dabballootni murna bilxiginnaa milishoota hidhatoo uummatatti bobbaasuun uummata ofiifuu gargaarsa barbaadu irraa maqaa maqaa deggersa mootummaa jedhuun qamadii kiiloogiraamii 50 tokko tokkoon abbaa warraa irraa fuuchaa jiraachuu jiraattootni dubbatu.
Akka jiraattootni ibsanitti ganda magaalaa irraa maallaqa yoo guuran ganda baadiyaa Gasalaa Amuuxaa dabalatee gandoota cufa irraa gombisaa qonnaan bulaa onsuun miidhaa irraan ga’aa jiraachuu himatu.
Itti dabaluunis ergamtootni murna bilxiginnaa kun yeroo darbe qamadii keessan bakka mootummaan jedhetti gurgurtu jechuun gatii gad aanaan dirqiin bitaa turuu kan yaadachiisan jiraattootni aanaa Siree kun, amma ammoo isheedhuma qallaba ijoolleef kaa’anne nu irraa fudhachaa jira jechuun waan keessa jiran hadheeffatanii dubbatu.
Murni abjuu sobaan fiixee badhaadhinaa irraan isin geenya jechuun miidiyaa irraa bookkisu, miidhaa beelaa uumamni fideen cinaatti kan harki bilxiginnaa uummata irratti fidaa jiru Oromiyaa bakkoota baay’eetti jabaachuun ni beekama.
