• Thu. Mar 23rd, 2023

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa jumlaan hidhuu jabeessan

Feb 15, 2023


ONM-ABO Guraandhala 15, 2023
Mirga bilisaan jiraachuu fi yakka malee hidhamuu namootaa cabsuun hawaasa nagaa ba’aa fi galatti adamsanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun qabanii hidhaan dararuu hojii idilee kan godhate bilxiginnaan, aanaa Najjoo keessatti gocha isaa kana jabeessee jira.
 
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Meexxii Maariyaam bakka jedhamu irraa dargaggoota torba badii tokko malee qabuun mana hidhaa magaalaa Najjoo keessatti dararaa jiru.
 
Dargaggoota hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne Gammachiis Baacaa yoo ta’uu warreen hafan maqaan nun ga’in jiru.
 
Waraannii faashitii PP haaloo waraanni bilisummaa Oromoo tarkaanfii laaleessaa magaalaa Najjoo keessatti fudhachuun isaan buqqiseen booda erga deebi’anii ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa hammeessuun uummatichatti jireenya hadheessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa aanaa Najjoo Gabaasaniiru.

Leave a Reply