• Tue. Dec 5th, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo 2 godina baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo keessatti ajjeesuun dhagaa’ame

Feb 15, 2023


ONM-ABO Guraandhala 15, 2023 Murni ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaan yakkee lubbuu obbaasu, bilxiginnaan waraana dhiiga soorachuu baraniin ajjeechaa Oromummaa irratti xiyyeeffate raawwachuu irraa duubatti hin deebine.
 
Dheengadda Guraandhala 13, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haaraa keessatti qeerrowwan Oromoo  lama maqaan isaanii Gammachuu Mitikkuu fi Dirribaa Taammiruu jedhaman halkan manaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan.
 
Erga ajjeesaniis naannoo qe’ee isaanii irraa lafa irra gototuun daandii cirracha gurraachaa irratti gatanii deeman.
 
Murni lubbuu ilmaan Oromoo bineensaa gaditti lakkaa’uu dhiise bilxiginnaan aanaa Jimmaa Arjoo fi aanota biroo keessa waraana hedduuminaan bobbasuun ol adeemtota danuu ajjeesuun maatii hedduutti gadda uwwisee jiraachuun ni beekama.
 
 

Leave a Reply