• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Bunnoo Beddellee aanaa  Cooraa keessatti ergamtootni bilxiginnaa dubartoota gudeeduun namoota nagaa lamas ajjeesan

Feb 17, 2023

ONM-ABO Guraandhala 17, 2023
Oromiyaa keessatti murni bilxiginnaa aangoo irra turuuf daa’immanii hanga manguddoo, shamarranii hanga dhukkubsataatti maqaa birmadummaa biyyaatu cabee fi naannoo keessan eeggattuun leenjii gaggabaabaa kennuufiin qawwee erga itti hiranii du’aatiin namootaa dabalaa jira.
Ergamtootni PP maqaa milishaan ganda keessatti hundeeffaman saamichaa fi reebicha geggeessuu irra darbanii gocha gudeeddii, madeessuu fi ajjeesuu raawwachaa jiru.

Impaayera murni dheebuu as aangoo isaa guuttachuuf qawwee namootti hiree jiru bulchaa jiru kana keessatti godina Bunnoo Beddellee ona ganda Tulluu Muxee jedhamtu keessatti kibxata darbe Guraandhala 14, 2023 milisootni gandichaa dubartoota irraa abbootii warraa ari’uunii fi shamarran mana turan gudeedan.

Gocha saafuu ummata Oromoo cabse kana bulchiinsa naannoo isaaniitti argamutti yeroo iyyatan, maaliif nu himattan jechuun milishootni kun deebi’anii maamguddoo tokkoo fi qeerroo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Ilmaan Oromoo ajjeefaman kun  badii qabatanii osoo hin taane, milishootni kun yakka isaanii dhokfachuuf maqaa obboleessa keetu aanaa Cawwaaqaatti Waraana Bilisummaa Oromoo bira turee dhufe jechuun akka ajjeesan dubbatu.

Aanaa Cooraa ganda Muxee kana keessatti milishootni gocha kana raawwatan Shukurii Jibiriilii fi Bukaarii Naziif ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply