• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti waraanni bilxiginnaa dargaggoo tokko rasaasaan rukuchuun madeessan

Feb 17, 2023

 
ONM-ABO Guraandhala 17, 2023
Murni impaayarattii keessaa dhukaasni maaliif hin dhaabbatu yoo jedhan kan isaa dhiisee, biyyoota biroo fakkeenya fudhatu bilxiginnaan loltoota barcuma siyaasa isaa eeguuf bobbaafamaniin ajjeechaa fi qaamaa hir’isuun itti fufee jira.
 
Namoota nagaa rasaasaan  rukuchuun ajjeesuu fi qaamaa hir’isuuf kan bobbaafaman waraanni bilxiginnaa Kibxata darbe Guraandhala 14, 2023 godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu ganda Caalaa Daabbus keessatti dargaggoo Misbaa Hirphaa Jiraataa jedhamu rasaasaan rukuchuun made madeessan.
 
Dargaggoo Misbaan fuudhaaf qophii irra kan turee fi intala baafatee guyyaa cidhaaf qophaa’aa akka ture oddeessi achii ba’e ni addeessa.
 
Dargaggoon kun yeroo sagantaa isaa irraa maquun yaalaaf hospitaala galee jiraachuu kan nuuf hime hiriyaan isaa tokko, sirnichi dararaa hamtuu ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiraachuu ibseera.
 
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo nagaan bakkaa bakkatti socho’uu dadhabuu himuun namootni manaa ba’aan osoo nagaan manatti hin deebi’in daandii gubbaatti waraana kanaan balaaf saaxilamaa waan jiraniif hawaasni yaaddoo hamtuu keessa galuu dabaluun himaniiru.

Leave a Reply