• Sun. Oct 1st, 2023

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo fi Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 WBOtti harka kennatan

Feb 17, 2023

 
ONM-ABO Guraandhala 17, 2023
Murni bilxiginnaa mul’ata dargaggoota impaayerattii dirree waraanaatti geessuun lubbuu obbaasuu qabatee dhufeen waggoottan shanan darban namoota baayee qoraan abiddaa gochuun haadholii heddu qara ilaalchisee hambiisee jira.
 
Du’a galata hin qabne du’aa jiraachuu isaanii hubachuun akeeka abaaramaa murna bilxiginnaa gananii miseensotni waraanaa badan baay’atanii jiru.
 
Keessayuu ilmaan Oromoo murni bilxiginnaa lubbuu isaaniin taphaachaa jiraachuu baran mooraa sana ganuun WBOtti harka kennachaa jiru.
 
Akka kanaanis kaleessa Guraandhala 16, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Muggii irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM Turkii 1, rasaasa 200 fi hidhannoo qabachuun gara WBO dhufeera.
 
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Harawwee irraas miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti harka kennatanii jiru.
 
Ilmaan Oromoo kun siyaasa sobaa murni bilxiginnaa itti himaa tureen uummata isaanii irratti meeshaa diinaa baachuutti gaabbanii dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafan daandii isaanii hordofanii qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply