• Sun. Mar 15th, 2026

Godina baha Wallaggaa aanaa Wayyuu Tuqaa keessatti waraannii murna bilxiginnaa namoota nagaa lama ajjeesuun barame

Feb 18, 2023

(ONM -ABO Guraandhala 18, 223)
Murni gadaa aangoo isaa dheereffachuuf yakka uummata Oromoo irratti hojjetu bilxiginnaan, akka aangootti dhufeen ajjeesuun mo’amuudha jechaa kan ture, waraana isaa bobbaasuun Oromiyaa keessatti ajjeechaa raawwatu itti fufee jira.

Dachee Oromiyaa dirree dhiiga gochuun haadholii hedduu kan boossisu waraanni bilxiginnaa,  Guraandhala 15, 2023 ona Waayyuu Tuqaa ganda Bonayyaa Mooluu keessatti dargaggoota lama badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesan.

Dargaggootni kun lamaan hawaasa naannoo biratti namoota jaallatamanii fi siyaasaa kamiyyuu kan hin hordofne yoo ta’anis sababuma Oromoo ta’an qofaaf ajjeefamanii jiru.

Dargaggootni ajjeefaman kunis maqaan isaanii Waattaasuu Mokkonnon fi Toleeraa Suurummaa kanneen jedhaman ta’u maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading