• Sun. Oct 1st, 2023

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii fi Lataa Sibuu keessatti hidhaa waraanni murna bilxiginnaa raawwatu itti fufe

Feb 18, 2023

(ONM- ABO Guraandhala 18, 2023)

Murni nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa keessatti Ilmaan ishee akka hin jiraanne fedhu bilxiginnaan doorsisa, saamichaa fi ajjeechaa geggeessu malee waraana bobbaasuun namoota nagaa hidhuu hammeessee jira.

Maatiin ilmaan isaanii bobbaasanii  nagaan galfachuun impaayera itti ulfaate keessatti Guraandhala 14, 2023 ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa keessatti dargaggoo Soolan Firoomsaa jedhamu waraana bilxiginnaan  qabamuun hidhamee jira.

Soolan Firoomsaa Yuunivarsiitiidhaa waggaa darbe barnoota isaa xumuruun eebbifamee kan ba’e yoo ta’u, rakkoo nageenyaaf bakka biraa jiraacha turee akkuma qe’eetti galeen qabanii hidhaatti darbatan.

Maaltu ta’eef ilma isaanii gaafachuuf abbaan isaa obbo Firoomsaan yeroo deemannitti isaaniinis ilma isaanitti dabaluun achumatti hidhan.

Hidhaan godinicha keessatti hammaachuun ona Lataa Sibuu keessatti hojjetaa mootummaa obbo Yoonaas Addunyaa jedhamu badii tokko malee Kibxata darbe kan hidhan yoo ta’u, ona Mana Sibuu magaalaa Mandii keessattis namoota nagaa 6 guyyaa dheengaddaa Guraandhala 16 konkolaataa irraa buusuun hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa ibsaniiru.

Leave a Reply