• Wed. Apr 24th, 2024

Godina Lixa Shaggar aanaa Cobiitti milishaan sirna bilxiginnaa 1 fi Gujii lixaa aanaa Dugdaa Daawaa keessatti miseensotni waraana bilxiginnaa 5n ajajaa dhibbaa tokko dabalatee WBOtti harka kennatan

Feb 18, 2023

(ONM-ABO Guraandhala 18, 2023)

Dabballootni murna bilxiginnaa duula ijibbaata jechuun sochii eegalan keessatti WBO balleessuun caasa deebisanii ijaaruuf karoorfatanii akka socho’aa turuun ni yaadatama.

Duula kanaan bakka hedduutti rukutamuun duulli isaanii erga fashalee naannoo magaalaatti deebi’uun afaan faajjii garaagaraa uumaa turan.

Lixa shaggar Aanaa Cobiitti Magaalaa fi gandoota magaalaattiitti dhihoo jiran walga’ii dirqamaan baasuun akka waan WBO balleessaniitti erga hololanii xumura walga’ii sanaa irratti namoota dirqamaan gara moora leenjiitti erguun milishummaa akka leenji’an taasisuu milishaan caasa PP kana ganuun hidhannoo isaanii waliin WBOtti harka kennatan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Torbee tokko keessatti caasaaleen hedduun kan keessa badan yoo ta’u isaan keessa milishaan Taammanaa Takiluu jedhamu Guraandhala 17, 2023 waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galaa Cibraa Irbuu Shinniigaatti qawwee isaa waliin harka kennateera.

Obbo Taammanaa Takiluu duras sirnicha eeguuf fedhii keenyaan ala dirqamaan WBO akka lolluuf nu leenjisan yoo jedhu murni bilxiginnaa abjuu arguu fi gochuu hin dandeenyeen burjaaja’a jira jedha.
Miseensotni waraana murna bilxiginnaa 5n guyyaa kaleessa Guraandhala 17 godina Gujii lixaa aanaa Dugdaa Daawaa mooraa waraana bilxiginnaa ganda Dogoo Dhuqqisaa irraa sirnicha ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa kun qawwee AKM 5, rasaasa 1000, hidhannoo fi boombii mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
Miseensota waraana bilxiginnaa harka kennatan keessa ajajaan dhiibbaa tokko keessatti akka argamu barameera.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo goyomsaan meeshaa baatanii sirna bilxiginnaa tajaajilaa jiran sirnicha ganuun WBOtti akka harka kennatan waamicha dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading