• Fri. Apr 19th, 2024

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa irraa WBOtti harka kennatan

Feb 20, 2023

Mooraan waraana bilxiginnaa goyomsaa fi dirqiin ijaaramuun akeeka dabaa lubbuu ilmaan namaa akka baalaa harcaasu fudhachuun bobbaafame diigamuu itti fufeera.
 
Miseensotni waraana bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’an kaayyoo abaaramaa kan jibbuun sirnicha gananii ba’an hedduummachaa jiru.
 
Kaleessa Guraandhala 19, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii lama, godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa mooraa ganda Kalaaltuu Saawwaa irraa sirna bilxiginnaa ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.
 
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii kun qawwee AKM Turkii 2, rasaasa 300 fi his hidhannoo 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
 
Miseensotni waraana bilxiginnaa sirnicha ganan kun osoo hin hubatin bilxiginnaa tajaajilaa turuu isaaniitti gaabbuun hawaasa isaanii erga dhiifama gaafataniin booda ilmaan Oromoo yeroo ammaatti qawwee diinaa baachuun saba isaaniitti dhukaasaa jiraniinis sirnicha ganuun gara WBO akka dhufan dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading