ONM-ABO 20 Guraandhala 2023
Jajjabeen abdiin sabaa hafteen jaarraa abbaa gadaa godina baha Harargee aanaa Haromaayaa keessatti tarkaanfii Guraandhala 18/2023 akka lakkoofsa impaayera Itoophiyaa guyyaa sa’a 11:00 irraa eegalee tarkaanfii humna weerartuu sakattaaf ba’an irratti fudhateen 9 ajjeessee 6 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Ittuma fufuun aanuma Haromaayaa araddaa Haqafiil jedhamutti kaleessa Guraandhala 19/2023 guyyaa keessaa sa’a 6:00 irraa hanga halkan keessaa sa’a 1:00tti tarkaanfii fudhateen humna weerartuu sakattaaf bobbaa’an 24 battalatti yoo ajjeesu 18 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu wajjiin akkasumas Bilbila smart phone 1 diinarraa booji’uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Humni diinaa kun Dirree dhawaa, aanota baha Harargee fi naannoo Harar irraa kan walitti cuunfaman dhufte yoo ta’u, jajjabeen baha biiftuu cibraan Jaarraa Abbaa Gadaa gootummaan ofirraa deebisuun uummata isaa Gammachiisuu isaa hoogganaa WBO Cibrichaa irraa odeeffanneerra.
Injifannoon uummata Oromoof!