• Thu. Mar 23rd, 2023

Dr. Darajjee Waaqjiraa magaalaa Bishooftuu irraa qabuun magaalaa Buraayyuutti erga hidhanii mana murtiitti osoo hin dhiyeessin dararaa jiraachuun barame

Feb 22, 2023

ONM-ABO Guraandhala 22, 2023

Murni bilxiginnaa daa’imman Oromoo hanga hayyoota Oromootti adamsee qabuun hidhaatti galchee dararuu bare, har’as hojii abaaramaa kana itti fufuun hayyoota ogummaa isaaniin hawaasa tajaajilan hidhee dararaa jira.

Torbee tokkoon duran godina baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu mana jireenyaa isaanii ganda 01 keessaa ogeessa fayyaa beelladaa Dr. Darajjee Waaqjiraa qabuun bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti geessanii hidhanii jiru.

Humni tika bilxiginnaa kun Dr. Darajjee gara magaalaa Buraayyuutti fidanii qajeelcha poolisii magaalichaatti erga galchaniin booda mana murtiif osoo hin dhiyeessin dararaa agarsiisaa jiru.

Namni kun ogummaa isaan galii argatuun alatti hidhata yakka kamuu kan hin qabne yoo ta’u, waan Oromoo ta’eef Waraana Bilisummaa Oromootti shakkamee hidhamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply