• Thu. Apr 25th, 2024

Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti  hoggantootni waraana bilxiginnaa wal shakkuun hogganaa tokko qabanii hidhan

Feb 22, 2023

ONM-ABO Guraandhala 22, 2023

Murni keessoon isaa diigamaa jiru bilxiginnaan haleellaa waraanni bilisummaa Oromoo irraan ga’uu fi miidhaa sirnichi qabu hubachuun keessaa kan badaniin cinaatti keessoon wal ajjeesuu, hojii irraa wal ari’uu, wal shakkuu fi hidhaan wal rakkisaa jiru.

Haala kanaanis hoggantootni waraana bilxiginnaa godina baha Wallaggaa bulchiisa magaalaa Naqamtee keessa jiran wal shakkii gidduu isaaniitti dhalateen waraana gameessa isaanii Koloneel Tagenyee Raggaasaa jedhamu qabanii hidhanii jiru.

Koloneel Tagenyeen erga hidhamee torbanoota lakkoofsiseera.

Hogganaan waraana bilxiginnaa kun magaalaa Naqamtee irra taa’uun aanaalee 5n, Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Eebantuu, Haroo Limmuu fi Galiilaa hoggana ture.

Hogganni waraanaa gameessi kun OPDO 1991 keessa akka ture kan dubbatan maddeen, aanota shanan siif kenname keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo baasuu dadhabdee fi waraana keenya WBOn fichisiifteen yeroo qoratamutti, Waraana Bilisummaa Oromoo, miseensa ani hogganu qofa mitii, akka waliigalaatti dadhabne jechuun yaada dhiyeesseen wal mormii guddaa erga taasisanii hidhaatti darbachuun barameera.

Sababa kanaanis loltootni koloneel  Tagenyeef amanamoo ta’an ajaja fudhachuu diduu fi meeshaa gurguratanii badaa jiraachuu odeessi maddeen waraanaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading