• Sun. Oct 1st, 2023

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 hidhannoo guutuun godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa irraa WBOtti harka kennatan

Feb 22, 2023

ONM-ABO Guraandhala 22, 2023

Murni bilxiginnaa ilmaan impaayerattii dirqiin leenjii waraanaatti ergee leenjii kennuufiin waraana hanga kana qabnaa fi leenjisne jechuun gabaasa miidiyaa fi paarlaamaaf laatus, warreen ajjeechaa uummataaf dirqama dabaa fudhatanii bobba’an hawaasa keenya hin ajjeesnuu fi qabsoo bilisummaa geggeeffamaa jiru dura hin dhaabbannu jedhan, sirnicha ganuun WBOtti harka kennachaa jira.

Haala kanaanis  kaleessa Guraandhala 21, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa mooraa waraana bilxiginnaa irraa  miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 dhalootaan Oromoo ta’an meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti harka kennatanii jiru.

Meeshaa waraanaa isaan fidan kunis kilaashii Turkii 1, doojii 1, rasaasa 460, boombii 1 fi hidhannoo 2 dha.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii lamaan kun sirna dhigaa ilmaan Oromoo akka lolaa dhangalaasaa jiruu fi lubbuu akka baalaa harcaasaa jiruuf qawwee baatanii tajaajilaa turuu isaaniitti gaddanii, hawaasa Oromoo dhiifama gaafachuun hanga aarsaa lubbuutti kafallee qaanii fi salphina sabni keenya keessa gale keessaa baasuuf WBO waliin ni qabsoofna jedhan.

Itti dabaluunis sirnichi maqaa Oromootu aangoo of harkaa qaba jedhuun ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallaneetti duulchisee ajjeesisaa, gama biraan ammoo olaantummaa finxaaleyyii Amaaraa  ijaaraa waan jiruuf, ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa gosa kamiinuu taatan qawwee fi hidhannoo keessan waliin gara abdii sabaa, Waraana Bilisummaa Oromootti dhuftan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply