• Sat. Sep 23rd, 2023

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon uummata saamaa kan ture dargaggeessi tokko WBO harka bu’e

Feb 22, 2023

ONM-ABO Guraandhala 22, 2023

Humnootni nageenyaa murna  bilxiginnaa ta’es hattoonni garaagaraa gurmaa’uudhaanis ta’e, namtokkeen maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin uummata doorsisuun saamaa turaniiru.

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti dargaggeessi Maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin uummata saamaa ture tokko qabamuun waan gochaa ture ifoomsee jira.

Kadiir Aadam Galatoon jedhama kan jedhu dargaggeessi kun, godina Arsii Bahaa Aanaa Martii ganda Dammaqaa Garjallee keessatti, gocha saamichaa uummata irratti raawwataa turuu dubbatee jira.

Ani Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun saamicha qonnaan bulaa irratti gaggeessaa kan ture yoo ta’u, badii qabda, uummatatu si komata jechuun oduu sobaa irratti qindeessee doorsisuun qarshii irraa guurrataa akka tures himee jira.

Namoota saamicha irratti gaggeesses yoo dubbatu:-
1. Araba Manzaa irraa qr. 10,000
2. Kamaal Jundii irraa qr. 10,000
3. Ganna Adam irraa qr. 20,000 fi kanneen biroo irraa guurrachuu dubbatee jira.

Dhuma irrattis gochaan kun badii ta’uu isaa amanuun gochaa fokkataa akka kanaatti hin deebi’u jechuun uummata Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo dhiifama gaafatee jira.

Leave a Reply