• Wed. Nov 29th, 2023

Godina Lixa Harargee aanaa Gammachiis albuuda dhagaa adiitti daandii baasanii saamuuf qabeenya uummataa mancaasaa jiraachuun barame

Feb 24, 2023

ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Albuuda dhagaa adii aanaa Gammachiis araddaa Ulaa Qunnee bakka Tulloo Guddoo jedhamutti argamu abbootii qabeenyaa basiisanii waliin saamuuf maqaa daandii gara sana geessu baafna jedhuun qabeenya buna, jimaa, muuzaa fi biqiloota garaagaraa mancaasaa jiraachuutu himama.


Abbootii lafaa daandiin irra ba’uuf beenyaa barbaachisuu kan hin kafalle yoo ta’u, warraa nuuf kafalamu malee jechuun dura dhaabbatan irratti reebicha geggeessaniiru.
Miidhaa uummata irraan ga’amaa jiru kana qaamolee murna bilxiginnaa waliin kan raawwataa jiru nama Aliyyii Usmaan jedhamu ta’uu jiraattotni ibsaniiru.
 
Oduu biraatiin ammoo aanaa Odaa Bultuum magaalaa Burqaa keessa caasaan murna bilxiginnaa keessa hidhaa fi saamicha kan geggeessaa jiru yoo ta’u, nama daandii gubbaa waa baatee deemu akkasumas gabaa fidatu irraa qabeenya isaanii guurrachuun uummata boossisaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

Leave a Reply