• Sat. Sep 23rd, 2023

Miseensotni raayyaa ittisa impaayetattii 4 godina baha Shaggar ona Boosatii fi Qellem Wallaggaa ona Anfillootti harka kennatan

Feb 24, 2023

ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Murni dabaa fi cubbuun of ijaaruuf ilmaan impaayetattii dirqii fi goyomsaan qabee leenjii waraanummaa kennuufiin akka saba isaanii lolaniif bobbaasu bilxiginnaan, dadhabbiin isaa bishaan dhuguun loltootni isaa haala argataniin jalaa baduu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Shaggar ona Boosat keessatti miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 mooraa magaalaa Boolee keessaa ganuun WBOtti harka kennatan.
 
Miseensotni waraana bilxiginnaa  kun ilmaan Oromoo yoo ta’an qawwee AKM Turkii 2, doojii 1 fi hidhannoo 3 qabachuun WBO bira ga’aniiru.
 
Waraanni bilxiginnaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufuun guyyuma kaleessaa Guraandhala 23 godina Qellem Wallaggaa aanaa  Anfilloo keessatti miseensotni raayyaa ittisa impaayetattii 2 qawwee AKM Turkii 2 hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa ganuun WBOtti harka kennachuu gabaasni nu ga’e ni addeessa.
 
Miseensotni waraanaa sirnicha ganan kunis gocha dabaa sirni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru balaaleffachuun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanii qawwee bilxiginnaa baachaa jiran gara qabsoo saba keessaniitti kottaa WBO waliin falmadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply