ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Murni ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuunii fi sababa Oromoo ta’an qofaaf ilaalcha siyaasa Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun qabee dararuu, guyya gara guyyaatti gochoota isaa hammeenyaa bakka cufatti raawwachaa jira.
Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo Oromiyaa irraa hojii dhuunfaa hojjetanii of jiraachisuuf achi deeman qabanii hidhuun dararaa jiru.
Waraanni murna bilxiginnaa maqaa poolisii federaalaa, raayyaa ittisa impaayerattii fi poolisii humna addaa Gambeelaa waliin qindoomuun dargaggoota Oromoo maqaa as keessa teessanii waraana bilisummaa Oromoof hojjettu jedhuun manneen hidhaa magaalichaa keessatti hidhuun dararu.
Ilmaan Oromoo 200 ol manneen hidhaa Gambeelaa keessatti badii malee hidhamuun kan rakkachaa jiran yoo, isaan malee namootni 50n gara magaalaa Mattuutti geeffamuun dararaa argaa akka jiran maddeen himan.
Magaalicha keessatti hidhaa fi saamichi Oromoo xiyyeeffate geggeeffamuun uummaticha yaaddoo hamtuu keessa kan galche yoo ta’u bara darbe baatii caamsaa 2022 keessa ilmaan Oromoo hedduu ajjeesuun danuus saamuun ni yaadatama.