• Sat. Sep 23rd, 2023

Murni bilxiginnaa godina Lixa Harargee magaalaa Ciroo keessatti namoota ukkaamsee jiraachuun barame

Feb 25, 2023

ONM-ABO Guraandhala 25, 2023

Godina Lixa Harargee magaalaa Ciroo keessatti waraanni murna bilxiginnaa badii tokko malee namoota nagaa qabanii hidhaa jiru.

Murni ilmaan Oromoo dararuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa jiru bilxiginnaan godina Lixa Harargee keessatti hidhaan namoota dararaa jira.

Akka kanaanis torbee darbe  Guraandhala 19, 2023 magaalaa Ciroo keessatti nama gabaa dhaqate wantoota barbaadu bitachuuf socho’u obbo Abdii Aammee Mahaammad jadhamu jiraataa aanaa Mi’eessoo araddaa Burrassaa Tuqaa  kan ta’e qabanii hidhan.

Obbo Abdiin erga qabamee maatii fi firoottan isaa buufata poolisii fi karcheellee keessa barbaadanis bakka isaan geessan baruu hin dandeenye.

Waraanni bilxiginnaa nama nagaa homaatuu keessaa quba hin qabne sababa tokko malee lafa inni haajaa isaaf bobba’eetti qabanii gara dhabsiisuutti kan aaran hiriyootni isaa qe’ee abbaa keenyaatti nagaan bobbaanee galuu erga dadhabnee falmannee murna faashistii kana fonqolchuu qabna jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply