• Wed. Nov 29th, 2023

Waraanni bilxiginna godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti namoota hidhuun dararaa fi WBOn galaa jiraan burjaajii uumuu jabeessan

Feb 25, 2023

ONM-ABO Guraandhala 25, 2023

Hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi buqqaatiin ilmaan irratti bara bulchiinsa faashistii Abiy Ahimed taasifamaa jiru Oromiyaa mara keessatti jabaatee itti fufee jira.

Haala kanaanis ergamtootni bilxiginnaa godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Waanjaa Calliyaa keessatti dheengadda Guraandhala 23, 2023 dargaggoota sadii qabuun dararaa erga irraan ga’anii, dargaggoo tokko maqaan isaa Qaasim Maammoo jedhamu qabanii deemuun mooraa waraana  magaalaa Qondaalaatti reebichaan rakkisaa jiru.

Oduu biraatiin ammoo aanuma Qondaalaa keessatti murni bilxiginnaa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhufee harka kennachaa jira, baatanii simattuu fi araaraaf tole jedhaniiru jechuun waltajjiin uummata burjaajessaa akka jiran barameera.

Meeshaa nu irraa hiikan fidanii dhufaa jiru kan jedhan ergamtootni impaayerattii, araarri isin dubbattan kan koree tikinikaan bara 2019 geggeeffameen addaa jedhanii warreen gaaffii kaasaniif ifannaa fi doorsisa malee deebii waaraa kennaafii akka hin jirre maddeen  Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply