ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Guyyaa kaleessaa Guraandhala 26, 2023 godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsa Gujee bakka addaa Warshaa Finjaalaa jedhamtutti caasaan waraana bilxiginnaa deggersa ummaata Booranaa jechuun walgahii waaman irratti uummatni gaaffilee waa’ee Shaggar City dhaan wal qabatuu fi kanneen biroo kaasuun geggeessitoota dubbii dhorkan.
Itti dabaluunis hirmaattotni waa’ee mana jiraattotaa murni bilxiginnaa diiguun uummata ajjeesee bineensa nyaachisaa, bishaan buusaa fi hidhaa jiru ilaalchisuun yaada isaanii yeroo dhiyeessan uummata sababa manni jalaa gubateef du’an keessaa tokko ibsa qabate, tokko of fannise namoota lama bineensatu alatti nyaate jechuun gocha sirnichaa balaaleffatan.
Waltajjicha irratti uummatni adeemsi ittiin magaalaa Shaggar ijaaruuf deemamaa jiru uummataaf akka hin taane ibsachuun dhimma gargaarsa hawaasa Oromoo Booranaan wal qabatu gaaffii jajjabduu kaasan.
Gaaffii hawaasni magaalaa Buraayyuu kun kaases qamadii biyya alaatti fe’aa jirra jechaa uummatni Booranaa akkamitti beelaan dhuma jechuun deebii harkaa gatan.
Dhufaatii keessan irraa ka’ee soba qofa dubbachuun beekamtu, bokkaa roobsana jechaa gammoojjummaan uummata keenya fixaa osoo jiruu fi hawaasa guyyaatti sadii nyaachuu hin dandeenye oomisha qonnaa isaatii humnaan irraa bittanii alatti erguun bu’aa siyaasaaf oolfachaa jiraachuun keessan diinummaa sabaaf qabdan agarsiisa ittiin jedhan.
Diinummaan Oromoo irratti raawwachaa jirtan kan kibba Oromiyaa beela meeshaa waraanaa godhachuun lubbuu obbaastan, Wallaggaa fi lixa Shaggaritti waraana guurtanii qe’ee irraa buqqistan sana nuti akka sabaatti hin daganne waan ta’eef gargaarsa saba keenyaaf goonu kamuu daandii keessaniin hin laannu, wal ijaarree karaa jaarmiyaa hawaasaa ergina jechuun qaanessanii deebisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
