ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Ilmaan Oromoo godina Matakkal aanaa Dibaax keessatti humnootni waloo murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa wal ta’uun ajjeechaa saamicha, gudeeddii fi buqqaatii geggeessaa jiru.
Aanaa Dibaax gandoota garaagaraa keessatti kan bobba’an humnootni waloo bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa, gudeeddii, saamicha, hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi buqqaatii uummata nagaa irraan ga’aa turan ammallee jabeessanii jiru.
Magaalaa Gaaleessaa fi naannoo ishee dabalatee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun lafa isaanii irraa godaansisuuf hojjetu.
Gareen finxaaleyyii qabiyyee abbootii keenyaa deebisiisna jechuun socho’an naannoo Amaaraa irraa wal ijaaranii kan dhufan you ta’u, akeeka hawaasni Oromoo laficha nuuf gadhiisee deemuu qaba jedhuun duula ajjeechaa geggeessaa jiru.
Rakkoo maqaa jibbiinsa Oromummaan siyaasaa fi seera koomaandpoostii jedhu hundee godhatanii humnootni murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa godina Matakkal aanaa Dibaax keessatti raawwachaa jiran irratti qaamni biyya bulchu yoo itti jabeesse malee irraa laaffisaa akka hin jirre jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.