• Sat. Apr 27th, 2024

Godina Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu keessatti namootni nagaan lama waraana faashistii Impaayera Itoophiyaan yoo ajjeefaman afur ammoo qabamanii hidhamuun dhaga’ame

Feb 27, 2023

 
ONM-ABO Guraandhala 27, 2023

Barcumni aangoo siyaasaa impaayera Itooophiyaa murnoota badii maqaa mootummaatiin of waaman jalatti tikfamuuf impaayerattii keessatti yeroorraa gara yerootti lubbuun lammiilee nagaa ajjeefama kan jiru ta’ullee, fedhiin abbootii irree impaayerattii galma gahuu kan dadhabe yoo ta’u, sirni dheebuu aangoon guutame Bilxiginnaan abdii kutachuu irraan kan ka’e dhiiga uummata nagaa lolaasuu dalagaa idilee taasifateera.
 
Kanumaan Wal qabatees godina Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu keessatti waraana sirnichaatiin lubbuun namoota lamaa galaafatamuun barameera.
 
Gurraandhala 23/2022 Godina Baha Wallagga  aanaa Eebantuu Ganda Aagaa Guddinaa bakka addaa Yuubdoo jedhamtu keessatti waraanni maafiyaa PP namoota nagaa lama rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan yoo ta’u, namootni waraana sirnichaan ajjeefaman kunneenis Kabbadee Dhugaasaa waardiyyaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Aagaa Guddinaa kan ta’ee fi ayyaana  sooma hiikaa kiristaanaa dhuftutti gaa’ila isaa dhaabbachuuf qophiirra ture.
 
Waraanni dhiiga ilmaan Oromoo hin quufne bakka loon tikfatutti ajjeesuun Abbabee Dhufeeraa nama jedhamu dhiyeenya kana daa’ima lakkuu godhate mana isaa keessaa baasuun ajjeesan.
 
Namoonni kunneen namoota ilaalcha siyaasaa kamirraallee walaba ta’uun jiruu isaanii guyyaa gaggeeffatan ta’uu maddeen himan.
 
Itti dabalees gandichuma keessaa dargaggoonni afur kan maqaan isaanii ammaaf adda hin baafamin humna waraana PPn butamuun gara aanaa Giddaa Ayyaanaatti geeffamanii hidhamuu kan dubbatan maddeen haalli walii galaa aanittiin keessa jirtu jireenya namaaf yaaddessaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.
 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading