ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Murni afaantu baree fi bu’aa siyaasaaf waan araaraa dubbatu bilxiginnaan duuba isaan ammoo loltoota hedduu hawaasa nagaatti bobbasuuf konkolaattota hedduu daandii guddicha lixaa fi kibba Oromiyaa geessu irra imalchiisaa jira.
Jimaata darbe loltoota baay’inaa geejjibuu kan eegale murni faashistii PP guyyaa kaleessa Guraandhala 26, 2023 konkolaataa waraanaa 60 ol ta’aniin meeshaalee gurguddaa fe’achuun Finfinnee irraa gara lixaatti imalaa turan.
Loltootni kun daangaa Amaaraa fi Tigraay irraa buqqifamuun daandii dheeraa qaxxaamuranii Finfinnee erga seenaniin booda gara lixaatti akka darban himame.
Murni faashistii lammiilee isaa fixuu loltoota lixatti bobbaasaa jiru kun, gidduu kana gara kibba Oromiyaattis konkolaattota hedduu fe’anii jiru.
Warreen kibba Oromiyaatti fe’aman keessaa harki caalu Gujii bahaa fi lixaa qubsiifaman.
Waggoottan shanan kana koloneel Abiy Ahimed loltoota kuma dhibbootaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf lixa, Giddu Galeessaa fi kibba Oromiyaatti bobbaasanis WBOn akka dansaatti qolachuun reeffa alaattii soorsisuun daran irraa hiikee humna isaa meeshaalee ammayyaan jabeessuun lafoota hedduu qabachuun ni beekama.





