ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Waraanni bilxiginnaa lubbuu ilmaan Oromoo bineensaa gaditti lakkaa’uun bakka argatti ajjeesaa deemu, godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti lubbuu namoota nagaa afur galaafatan.
Waraanni bilxiginnaa godinichuma aanaa Baabboo Gambeel irraa ka’uun gara ona Gidaamitti imalla jedhan Jimaata darbe Guraandhala 24, 2023 ona Qondaalaa ganda Liqixii naannoo Kamisee jedhamu keessatti nama Suleemaan Ittafaa jedhamu ajjeesanii qarshii 100,000 kan saaman yoo ta’u, namoota sadii maqaan nu hin qaqqabin ammoo ganda Liqixii bakka dhaaba looniitti ajjeesanii darban.
Namoota lama Abduu Kaappitaanoo fi Qaasim Kaappitaanoo jedhaman Kamisa darbe ganda Waanjaa Calliyaa irraa qabuun mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Qondaalaatti hidhanii turan, hanga gabaasni kun qindaa’etti hin gadhiisne.
Ona Qondaalaa keessatti ilmaan Oromoo rasaasa waraana bilxiginnaan akka baalaa harcaa’aa fi badii malee maatii milishaa doorsiste akkasumas eeruu Waraana Bilisummaa Oromoof kennita jechuun hidhaa murtoo hin qabneen dararaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kan dhaga’aatii jirtan oduu R-ABO irraa isiniif darbaa jiruu dha.