ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Waraanni murna maafi’aa PP godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo buufatee jiru dararaa hamtuu uummata irraan ga’aa jiru.
Ajjeechaa fi hidhaa uummata nagaa irratti raawwataniin alatti waraanni faashistii kun gudeeddii hammeessanii jiru.
Waraanni magaalaa Dambii Doolloo ganda 04 bakka addaa Dhanqaa waldaa amantaa Makaana Yesuus Beetel Dhanqaa qubsiifaman dubartootaa fi shamarran dirqiin qabuun gudeedaa turan.
Torbee darbe ergamtootni bilxiginnaa galgala hospitaala Dambii Doolloo ganda 04 keessa jiru deemuun waardiyaan dubartoota hojjettoota hospitaalichaa gadi nuuf baasaa jechuun dirqiin quunnamtii saalaa raawwachuuf okkora kaasan.
Sababa kana irraan kan ka’e bultii halkanii dubartootni didun dhiirri qofti bulaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.