ONM-ABO Guraandhala 28, 2023
Booranni jiruuf jireenya isaa horii horsiisuun gaggeeffatu hongee waggoota dheeraaf bu’ee tureen yoo miidhamu, mootummaan impaayerittii harkaa qabu garuu ijaaf gurra isaa Boorana irraa gara galfachuun qamadii Arsiifi Baaleetti oomishamu biyyoota alaatti erguun rakkoo Oromoo irra ga’aa jiru kana ukkaamsuu irratti argama.
Haa ta’uutii garuu Oromoon biyya keessaafi alaa wal dammaqsuun Boorana baraaruuf hojiin hojjetamaa jiru abdachiisaa ta’uufi jabaatee itti fufuullee akka qabu kan dhaammatan jiraattota godina Booranaati.
Manneen barnootaa, manneen amantaa gara garaa keessatti akkasumallee hojii humnaa hojjechuun galii Oromoo Booranaaf walitti qabuun jabaatee kan itti fufe yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa Oromoos Boorana haa baraarru jechuun harka isaanii hiixataa jiru.
Uummanni Oromoo Booranaa Kaaba Keeniyaa keessa jiraatuufi kan sirna bittaa impaayerichaa baqachuun daangaa qaxxaamuranii Keeniyaa keessa qubatanii jiranillee hongee kanaan rakkoo hamtuuf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, deggersa Oromoon akka Oromootti taasisaa jiru kana keessaa qooddattoo ta’uu akka qabanis himamee jira.
Akkuma kanaan dura baratametti maqaa Oromoota Somaaleefi daangaa Oromiyaa irraa buqqaa’aniin qarshiin guuramuun akkasumallee carraan lotorii gara garaa karaa mana mootummaa gurguramuun kaziinaa mootummaa gabbisaa akka tureefi, buusiin amma bu’aa jiru kun garuu gara kaadiroota bilxiginnaatti otoo hin goriin kallattiin Uummata miidhamaa jiru kana bira akka ga’u dhaammanna.