ONM-ABO Guraandhala 28, 2023
Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti nagaan ba’anii galuu dadhabuun rasaasaan akka baalaa harca’aa jiru.
Murni ajjeesuun siyaasa isaa uummata fudhachiisuuf hojjechaa jiru bilxiginnaan waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun dheengadda Guraandhala 26, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti ilmaan Oromoo sadii lubbuu dhabamsiise.
Gocha ajjeechaa kana aanaa Saasiggaa ganda Haroo Folaatti qeerroo lama maqaan isaanii Bushaa Kidaanuu fi Girmaa Badhaasaa kan ajjeesan yoo ta’u, aanuma kana ganda Gaalloo keessatti qeerroo Sanyii Kidaanuu jedhamu ajjeesuun reeffa awwaalcha dhorkuun rakkisaa turan.
Aanaa Saasiggaa keessatti gamtokkoon finxaaleyyii itti bobbaasuun uummata lubbuu fi qabeenyaan barbadeessaa gama biraan waraana meeshaa gurguddaa hidhate uummatatti bobbaasuun ajjeechaa sukkanneessaa raawwachaa kan jiru murni faashistii PP, waggoottan shanan kana Oromiyaa dachee dhiigaa gochuun maqaa Oromoon daldalaa jiraachuun ni beekama.