ONM-ABO Guraandhala 28, 2023
Finxaaleyyiin Amaaraa fedhii lafa babal’ifannaa qaban Abiy Ahimed aangootti ol ba’uu bu’uura godhachuun yeroo garaagaraatti duula qindaa’aa ilmaan Oromoo Walloo kaaba Oromiyaa keessa jiraatan irratti duula duguuggaa sanyii labsuun namaa fi qabeenya irraan miidhaa ga’aa turan har’as hin dhabne.
Duula bifa haaraan baatii Amajjii keessa Finxaaleyyootni Amaaraa murna bilxiginnaan tumsaman godina Walloo aanaa Jiillee Dhummugaa keessatti eegalaniin aanoota godina Walloo hedduu keessatti miidhaan hawaasa Oromoo irra ga’ee jira.
Miidhaa jabduu finxaaleyyiin Amaaraa geessisaan irraanfatamuun yeroo ammaa aanota akka Caffaa Roobiit, Baatee, Jiillee Dhummugaa fi Kamisee keessatti ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu, saamuu fi qawwee isaanii humnaan harkaa fuuchuuf hojjechaa jiru.
Aanota kanneen keessatti reebichaa fi doorsisni Oromummaa xiyyeeffate geggeeffamaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, kun lafa Oromoo miti, lafa keessanitti galaa fi ajjeechaa Oromiyaa keessatti saba keenya irratti ta’u isin irratti deebifanna jechuun yaaddessaa akka jiran dabaluun ibsan.
Sababa kanaafis hawaasni Oromoo wal quba qabaachuun qawwee isaa murna bilxiginnaatti amanee kennuu irra, ittiin of eeggachuu qaba jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
