• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee keessatti gibira humnaan olii daldaltotatti ramaduun akka kafalan dirqiisaa jiraachuun barame 

Feb 28, 2023

ONM-ABO Guraandhala 28,.2023

Murni maallaqaan uummata bulchu deggeruu irra saamuun barcuma aangoo isaa jabeeffachuu barbaadu bilxiginnaan, maallaqa namoota irraa saamaniin cinaatti maqaa gibiraan daldaltoota irraa maallaqa gurguddoo fuuchaa jira.

Murni yeroo cufa hawaasa maallaqa gaafatu kun torbee darbee qabuun daldaltoota godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee magaalaa Goreetti gibira humnaa olii itti ramaduun hawaasa daldalaa boossisaa jira.

Namoota dukkaanaa xiqqaa hanga gurguddaa qaban jedhanitti qarshii 10,000 hanga 80,000tti kan itti ramadan caasaan murna bilxiginnaa maqaa waajjira abbaa taayitaa galiiwaaniin socho’an, uummata dandeenyee hin kafallu jedhan mana daldalaa isaanii irratti cufuuf akeekkachiisan.

Daldaltootni magaalaa Goree maallaqa humnaa olii kana hin kafallu jechuun guyyaa kaleessaa Guraandhala 27 barreeffamaan iyyatanis dirqamaan akka kafalan itti himuun waajjira keessaa akka ari’an maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Goree gabaasaniiru.

Leave a Reply