• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti daa’ima tokko ajjeesuun tokko madeessan 

Feb 28, 2023

ONM-ABO Guraandhala 28, 2023

Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo gocha isaaniin osoo adda hin baafatin rasaasa itti roobsuun ajjeesu godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti daa’imman lamatti rasaasa dhukaasuun tokko ajjeesuun tokko madeessan.

Dheengadda Guraandhala 26, 2023 aanaa Sayyoo ganda Kuuree Geeb bakka addaa Waldoo jedhamtu keessatti namoota deebii cidhaa deemaa turan irratti dhukaasuun  daa’ima waggaa 13 Gabaayee Adimaasuu jedhamtu rasaasaan yoo rukutan, daa’ima maqaan nu hin geenye tokkos rasaasaan madeessaniiru.

Daa’imman Oromoo bakka deemanitti irbaata rasaasaa kan godhu waraanni bilxiginnaa, badii tokko malee ajjeesaa fi madeessaa waraana nagaa eegsisu jechuun miidiyaa irraa olola.

Maatiin daa’imni isaanii kichuutti citte reeffa kaafachuun kaleessa Guraandhala 27 bakka hawaasni naannoo fi firootni argamanitti sirna awwaalchaa geggeeffatan.
Murni bilxiginnaa karaa Abiy Ahimed ajjeesuun mo’amuudha jechuun turuun booda irraa du’aatiin impaayerattii keessaa kan Ameerikaa gadi jechuun ajjeesuu akka itti fufu kallattii akeeke, har’as golee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo ajjeesuun maatii boossisaa akka jiru gocha abaaramaa raawwachaa jiran irraa beekuun ni danda’ama.

Leave a Reply