ONM-ABO Guraandhala 28, 2023
Murni maafi’aa ilmaan Oromoo irratti daba hojjechuuf finxaaleyyii fi Oromoota garaaf jiraataniin tumsamaa aangoo irra jiru bilxiginnaan sababoota garaagaraa uumuun uummata dararuu itti fufee jira.
Gidduu kana Guraandhala 25, 2023 irraa qabuun uummata ba’aaf gala kan dhorkate waraanni bilxiginnaa, baha Harargee aanota akka Qarsaa, Haromaayaa fi Kombolchaa keessatti uummata dalagaa dhorkaa jiru.
Gama tokkoon hiyyummaa balleessuuf hojjedhaa jechuun daldala siyaasaa kan taphatu bilxiginnaan, gama biraan ammoo loltoota itti bobbaasuun ooyiruu irraa qonnaan bultoota ari’aa, daldaltoota imala dhorkaa fi qabee hidha.
Aanota sadan olii keessatti rakkoo gurguddoo maqaa sakattaa waraana bilisummaa Oromoo jedhanii bobbaa’uun saamicha, gudeeddii, hidhaa, reebichaa fi uggura sochii geggeessu..
Aanota kanneen keessatti namootni akka fedhanitti socho’uu dhabuun aanaa biraa irraa aanaa itti aanu deemuuf waraqaa eenyummaa agarsiisaa sakattaa’amuun maallaqa baatanii socho’an maqaa kan WBO baattu jechuun saamaa akka jiran maddeen Arraata Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
