ONM-ABO Guraandhala 28, 2023
Murni bilxiginnaa barcuma siyaasaa isaa tikfachuuf qe’ee Oromoo mara keessa hidhattoota bobbaasuun uummata saamsisaa fi reebsisuun miidhaan qaamaa akka irra ga’u taasisaa jira.
Haaluma kanaan Guraandhala 25, 2023 aanaa Odaa Bultum ganda Burqaa guddootti nama maqaan isaa Abdallaa Ibrahim jedhamu reebuun harka isaa yoo cabsan Hospitaala aanichuma magaalaa Baddeessaa jirutti akka hin yaalamne gochuun yeroo ammaa magaalaa Cirootti wal’aanamaa jira.
Milishootni bilxiginnaa kun magaalaa Haroo Diimtuu keessaa ammoo Mohammad Umar Bakar nama jedhamu mataa rukutanii buruqsuun barameera
Sirni bilxiginnaa karoora hawaasa Oromoo maqaa waraanaan fixuu qabachuun waggaa keessatti maatii tokko keessaa namoota 3 hanga 4tti humnaan walitti qabee gara leenjii waraanatti erguu marsaa kanas bifa haaraan itti fufaniiru.
Ona Odaa Bultum magaalaa Burqaa fi Haroo Diimtuu keessaa namoota humnaan qabuun gara leenjiitti erguuf qopheessaa jiraachuu maddeen himuun akka aanichaatti namoota dhibba sadii qopheessuuf ramaddii fudhatanii hojjechaa jiru.
Kana malees aanicha keessaa maallaqa 2000-3000 tokkoon tokkoo namootaa kaffalchiisaa jiraachuunis maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.