• Wed. Nov 29th, 2023

Qaamoleen murna faashistii Itoophiyaa Godina addaa naannawwaa Finfinnee Bulchiinsa  magaalaa Buraayyuu keessaa dargaggoota humnaan funaananii gara leenjii waraanummaatti ergaa jiraachuun beekame

Mar 3, 2023

ONM-ABO Bitootessa 3, 2023

Murni bara aangoosaa dheereffachuuf ilmaan haadha iyyeessaa kumaatamaan adda waraanaatti funaanee ficcisiisaa jiru Biltsiginnaan gocha isaa kana jabeessee itti fufuun gandoota, aanotaa fi godinoota akkasuma magaalota keessaa dargaggoota maqaa biyya keenyaaf lolla jedhuun funaanee gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa kan jiru yoo ta’u gocha kanas tibbana bulchiinsa magaalaa buraayyuu keessatti hammeessuu maddeen achii dubbataniiru.

Haaluma kanaanis Bulchiinsa magaalaa buraayyuu bakkoota akka Kattaa, Maaramii, Dirree, Corrisaa, Keellaa, Dirree Cirrachaa fi Warshaa Finjaalaa jedhaman keessaa ilmaan haadha iyyeessaa humnaan konkolaataatti funaanaa kan jiran ta’uun himameera.
Bulchiinsuma magaalitti naannawwaa Gafarsaa jedhamu keessa kan jiraatan nama obbo Raggaasaa jedhaman jalaas ilma isaanii fuudhanii deemuu kan dubbatan maddeen, nama kana jalaa bara darbes ilma isaanii qabuun adda waraanatti humnaan erguuf kaanaan, maallaqa 5000 kaffalanii kan hambifatan ta’ullee, murni cubbuu maqaa mootummaatiin of waamu marsaa lammataa ilma isaanii qabuun osoo maatiin duukaa iyyuu dda waraanaatti kan ergan ta’uu maddeen ifoomsaniiru.

Leave a Reply