ONM-ABO Bitootessa 3, 2023
Bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed keessatti rakkoo hamtuu keessa kan seenan ilmaan Oromoo, qe’ee abbaa isaanii irratti nagaan ba’aanii galuu dhabuun kan bara bulchiinsa impaayerattii duraa irra caalaa waggoottan shanan kana dararaa keessa jiru.
Kanumaan wal qabatee aanaa Malkaa Bal’oo gandoota cufa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhu moggaafachuun namoota ba’aaf gala kan dhorkan waraanni murna bilxiginnaa, uummata nagaa gariin hidhaa, saamaa fi reebicha irraan ga’aa jiru.
Namoota maqaan isaanii Ibraahim Ahimed, Annisaa Ahimeddiin, Ahimeddiin Aliyyii fi Ahimed Abdallaa kanneen jedhaman ganda Katabee fi Makkanisaa irra qabuun, waraanni Mana barumsaa Biyyoo Quufaa jedhamu keessa buufatanii jiran reebicha irratti raawachuun mana hidhaatti darbatanii jiru
Kana malees aanaa Malkaa Bal’oo keessatti yeroo ammaa dargaggoota hundaa adamsaanii gara leenjii waraannatti ergu.
Sababa kanaan namootni umriin isaa 10 hanga 45 gidduu jiru daandii gubbaa irraa deemuuf yaaddoo qabaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.