• Sat. Sep 23rd, 2023

Yuuniversitii Dambii Doolloo keessatti dhiibbaan barattoota Oromoo irra ga’u jabaate 

Mar 3, 2023

ONM-ABO Bitootessa 3, 2023

Murni faashistii PP ijaarsa siyaasaan dhaabbileen barnootaa akka geggeeffamaniif hojjechaa jiru, yuuniversiitiilee garaagaraa keessatti caasaa isaa ijaarrachuun barattoota irratti dhiibbaa godha.

Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Dambii Doolloo irratti erga isaan baatii darbe dhimma amantii Ortodoksiin wal qabateen hiriira ba’anii ija shakkiin eeguun doorsisa cimaa irraan ga’aa jira.

Kana malees mooricha keessatti maqaa deggertootaa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun barattoota Oromoo mooraa ala ba’anii waa fayyadaman irratti reebicha geggeessu.

Warreen halkan deeman irratti waraanni bilxiginnaa saamicha kan geggeessan yoo ta’u, barattoota Oromoo hedduu isaanii maqaa ilaalcha siyaasaan yakkaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply