• Sat. Mar 25th, 2023

Godina baha Harargee aanaa Fadiis keessatti milishootni faashistii PP nama tokko ajjeesan  

Mar 4, 2023

ONM-ABO  4 Bitootessa 2023

Murni barcuma aangoo isaa jabeeffachuuf namoota gosoota waraanaa garaagaraan maqaa moggaasuun qawwee hidhachiise bobbaase bilxiginnaan, ilmaan Oromoo nagaa ittiin ajjeesisaa jira.

Maqaa milishaa sirna bilxiginnaa ta’uun qonnaan bultootni qe’ee isaanii irraa qabamanii torbee tokko leenjii fudhachuun qawwee hidhachiifaman godina Baha Harargee aanaa Fadiis keessatti dheengadda Bitootessa 2, 2023 ilma Oromoo tokko badii malee ajjeesan.

Ilmi Oromoo badii malee milishoota Abiy Ahimediin ajjeefame kun maqaan isaa Mahaammad Qarraa’aa jedhama.
Namni kun badii qabaatee osoo hin taane Oromummaan yakkamee kan ajjeefame yoo ta’u, torbee darbee qabuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu baha Harargee keessatti sochii jabeesse jedhuun aanoota akka Qarsaa, Haromaayaa fi Kombolchaa keessatti dararaa hammeessaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply