• Thu. Apr 25th, 2024

Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa dirree ajjeechaa fi hidhaa taasisuu jiraattotni dubbatu 

Mar 4, 2023

 
ONM-ABO 4 Bitootessa 2023 Murni uummata Oromoon anatu siif beeka jechuun warreen yaada kiyyaan ala jiru jedhu irbaata rasaasaa fi jireenya isaanii mana hidhaa taasisu bilxiginnaa aanaa Qondaalaa keessatti uummata irraan miidhaa ga’aa jira.
 
Haala kanaanis waraanni bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaatti keessatti waggoota lamaan kana qofa namoota nagaa hedduu ajjeesuun jumlaanis hidhanii jiru.
 
Waraanni faashistii kun abbootii maatii 96 fi dargaggoota 215 hoggaa ajjeesan, namoota 431 manneen hidhaa impaayerattii adda addaa keessatti hidhanii dararaa jiru.
 
Kana malees namoota 16 ol bakki isaan geessan hin baramin jira.
 
Murni kun har’as ajjeechaa isaa gandoota aanichaa keessatti itti fufeera. Badii malee namoota hedduu jumlaan mana hidhaa magaalaa Qondaalaa keessatti hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, kanneen namoota lama Almaayee Mahaammad Saalii abbaa qabeenyaa fi Haaj Suu Muusaa kanneen jedhaman baatii lama dura qabuun hanga ammaa hin gadhiisin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading