• Mon. Mar 27th, 2023

Miseensotni waraana bilxiginnaa 5 Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo fi Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti WBOtti harka kennatan 

Mar 4, 2023

ONM-ABO 4 Bitootessa 2023

Koloneel Abiy Ahimed, gadaa aangoo isaa dheereffachuu fi uummata impaayerattii akka barbaadetti cafaqee bulchuuf  lammiilee hedduun humnaa fi goyomsaan qabee leenjii waraanaatti erga.

Hojdhabdummaa akka carraa gaariitti kan fudhate murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo bakkoota cufa irraa qabee leenjisuun dirree waraanaatti bobbaasee lubbuu isaaniin taphata.

Gocha farrummaa murni bilxiginnaa lubbuu ilmaan Oromootti qoosaa jiru kana kanneen hubatanii fi lolli isaan geggeessaan kan isaaniin hin ilaallanne ta’u kanneen baran ilmaan Oromoo, mooraa waraana bilxiginnaa irraa ganuun WBOtti makamaa jiru.

Dheengadda Bitootessa 2, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4 mooraa waraana bilxiginnaa godina Qellem  Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo irraa ganuun WBO bira ga’anii jiru.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii dhalootaan Oromoo ta’an kun qawwee AKM Turkii, fi dachaatuu 3, rasaasa 760 fi hidhannoo afur mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.

Guyyuu kaleessaa Bitootessa 3 godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu mooraa Harawwee irraa miseensi poolisii humna addaa Oromiyaa tokko qawwee AKM 1 fi hidhannoo rasaasa 158 qabu waliin sirnicha ganuun WBOtti makameera.

Ilmaan Oromoo murna bilxiginnaaf meeshaa baatanii jiran sirnicha irraa abdii kutachuunii fi akeeka badii sirnichi uummata Oromoo itti hacuucaa jiru mormuun carraa argataniin gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira qaqqabaa jiraachuu gabaasa nu ga’aa jiru irraa beekuun ni danda’ama.

Leave a Reply