• Wed. Nov 29th, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi Guutoo Giddaa keessatti dararaa uummata irraan ga’an hammeessan 

Mar 4, 2023

ONM-ABO 4 Bitootessa 2023

Murni faashistii PP gocha Minilik Itoophiyaa  fi Afrikaaf buuse jechuun injifannoo Adwaa irratti waan nagaa fi badhaadhinaa lallabaa ture, qabatamaa lafa irraan garuu diina biyya ambaa irra, ofii isaa lammiilee bulchaan jira jedhu diinaa olitti lafa irraa fixaa fi dararaa hamtuu irraan ga’aa jira.
Akka kanaanis murni dhiiga ilmaan Oromoo dhagaa, jiraa ilmaan Oromoon taphatu godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa fi Guutoo Giddaa keessatti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi reebicha jabeessanii jiru.

Aanaa Saasiggaa gandoota garaagaraa keessatti qeerroowwan Oromoo qabee ajjeesaa, jumlaan hidhaa fi maqaa maatii qabsaa’otaati akkasumas WBO deggertu jedhuun reebichi namoota nagaa irra ga’aa jira.

Aanaa Guutoo Giddaa gandoota adda addaa keessattis murni bilxiginnaa finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uun ajjeechaa fi saamichi uummata irra ga’aa jiru jabaadha.

Ilmaan Oromoo badii tokko malee sababa garaagaraa itti maxxansuun qaban aanaa Guutoo Giddaa ganda Qixxeessaa jedhamu bataskaana Goorgisii darbee daandii guddaa cinaatti ajjeesanii gataa jiraachuun barameera.

Murni miidhaa uummata nagaa irra ga’uun uummata sodaachisee aangoo irra bubbuluuf hojjetu bilxiginnaan maqaa nagaa buusnaan biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa goyomsuuf yaalus, gochi impaayerattii keessatti lammiilee irra ga’aa jiru garuu sanaan faallaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply