ONM-ABO 4 Bitootessa 2023
Waraanni teessoo koloneel Abiy Ahimed tiksuuf maqaa poolisii humna addaa Oromiyaa jedhuun bobbaafaman dheengadda halkan Bitootessa 2, 2023 godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti walitti dhukaasuun miseensota wal irraa ajjeesan.
Poolisotni maqaan humna addaa Oromiyaa jedhu maxxanfameef aanaa Mi’eessoo mooraa Bunoo jedhamtu keessatti sababa wal dhabdee keessoo isaaniitti mudateen dhukaasa yeroo dheeraaf ture walitti bananiin miseensotni poolisii humna addaa shan battalatti yoo du’an 8 madaa’anii jiru.
Tarkaanfii wal irratti fudhatan kanaan kan mufatan miseensotni 10 qaawwee fi hidhannoo bireena dabalatee mooraa keessaa baasuun fudhatanii badan.
Sababa okkora mooraa bilxiginnaa aanaa Mi’eessoo bakka addaa Bunoo jedhamu keessatti uumameen qondaaltotni waraanaa isin miseensa keenya miti, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hojjechaa jirtu, yeroo nuti WBO magaalaa gadi eegdu jennee isin abdannutti keessoo keenyatti deebitanii nu loltu jechuun miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa hedduu irraa guyyaa kaleessaa Bitootessa 3, 2023 qawwee irraa hiikuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
