• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina baha Harargee aanaa Cinaaksan keessatti lola hidhattootni Soomaalee uummata Oromoo aanichaa irratti bananiin lubbuun namootaa darbuun barame

Mar 10, 2023

ONM-ABO 10 Bitootessa 2023

Murni bilxiginnaa uummatni Oromoo nagaan qe’ee abbaa isaa irra akka hin jiraanneef lola waraana isaa itti bobbaasee uummata nagaa fixaa jiruun cinaatti hidhattoota ollaa Oromiyaa itti kakaasuun lubbuu Oromoo nagaa balleessee nagaan akka hin jiraanneef tarsiimoo lolaa godhatee hojjechaa ture, itti fufee jira.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa  Bitootessa 9, 2023 godina Baha  Harargee aanaa Cinaaksan keessatti hidhattoonni naannoo Soomalee uummata nagaa irratti dhukaasa bananuun miidhaan cimaan qaqqabeera.

Keessaayuu aanicha keessaa ganda Makkanniisaa Oromoo, Eel Hamar fi Eelaa Jaarsootti lola humnootni murna bilxiginnaan bobbaafaman uummata nagaa irratti taasisaniin lubbuun namoota yoo darbu namoota 8 madeessaniiru.

Ilmaan  Oromoo  hidhattoota Soomaaleen ajjeefaman kun Hasan Abiib Askaar, Mawluud Mahaammad Aadan fi Badrii Abdii Burgal ta’uun barameera.

Lolli guyyaa kaleessaa eegale kun itti fufee kan jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaa nageenya lammiilee Oromoo naannoo sanaa eeguu hin dandeenye aanicha bakka lamatti qooduun ibsa baasee turuun ni yaadatama.

Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti qeerroowwan daandii irraa qabuun mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun barame.

ONM-ABO 10 Bitootessa 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo dalagaa dhuunfaa fi barnoota isaanii irraa qabeen leenjii waraanaatti erguun lola isaan hin ilaallanneetti hirmaachisee lubbuu obbaasaa jiru, har’as gocha isaa itti fufuun qeerroowwan Oromoo humnaan qabee leenjiitti ergaa jira.

Torbee kana keessa baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti qeerroowwan daandii gubbaa irraa qabuun bulchiinsa gandoolee magaalichaa keessatti walitti qabaa jira.

Ilmaan Oromoo qabaman kun gariin barattoota yoo ta’an gariin ammaa hojii dhuunfaa isaanii magaalaa keessaa ba’aa baatanii fi kophee haxaa’uun kanneen of jiraachisanii dha.

Ilmaan Oromoo kana gandoolee magaalichaa keessatti walitti qabuun fe’uuf qophaa’anii jiru.

Magaalicha keessatti ilmaan Oromoo humnaan qabanii leenjii waraanaatti erguun cinaatti hawaasicha waltajjii baasuun diinni galee jira, fuula haaraa yoo argitan nuuf bilbilaa akkasumas mana itti hin kireessinaa jechuun uummata sodaachisaa akka jiran maddeen magaalaa Adaamaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply