ONM-ABO 10 Bitootessa 2023
Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti mirga lubbuun jiraachuu dhabuun waraana faashiistii bilxiginnaan ajjeeffamaa fi nagaan ba’ee galuu erga dhabee bubbuleera .
Daandeettii loltummaa, naamusa waraanummaa fi hamiilee kan hin qabne waraanni bilxiginnaa gooticha waraana bilisummaa Oromoo lolaan duraa dhabbaachu dadhaabuun namoota nagaa irratti bifa haaloo ba’achuutiin ilmaan Oromoo Oromiyaa cufaa keessaatti ajjeesaa jira.
Bifuma kanan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Walloo Baangaa fi Sammaarroo keessatti Bitooteessa 6, 2022 lolaa ganda Guutee Soyyamaa keessatti taasifameen WBOn erga injifatamanii booda namoota nagaa homaa keessaa hin qabne maqaan isaanii Gammaachuu Tsaggaayyee fi nama keessummummaaf mana firaa isaa jiru Shoddaa Tafarraa jedhamuu mana keessa gadii baasuun ajjeessaan.
Nama enyuummaa isaa ammaf addaa banee tokkos aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyomaa irraa qabanii fiduun bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda 04 bakka Dhanqaa jedhamutti dararaa erga turaniin booda Wiixata darbe Bitootessa 7, 2023 waraanni goolessaa Abiy Ahimed ajjeesuun jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




