ONM-ABO 10 Bitootessa 2023
Dhufaatii isaa irraa qabuun uummata Oromoo dararuutti kan muddame mataan nafxanyoota Abiy Ahimed waraana fi dabballoota isaaf amanamoo ta’an bobboosee namoota saamsisaa, hidhaa, ajjeesaa fi guddeeddii raawachiisaa oola.
Erga sochiin waraana bilisummaa Oromoo ona Lataa Sibuu keessatti cimee kaasee maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun jiraattotaa fi hojjettoota mootummaa hedduu hidhuun hiraarsaa jiru.
Aanaa Lataa Sibuu keessatti waraana bilxiginnaan namootni yeroo dheeraaf hidhamanii rakkachaa jiran keessaa kan maqaa arganne barsiisaa Waaqgaarii Teessoo, barsiisaa Biraasaa Nagawoo, Israa’el Jaal’ataa warreen jedhamanii dha.
Namoota maqaan nu ga’ee malee kan maqaan nu qaqqabin hedduun hidhamanii jiraachuun barameera.
Namoota ilaalcha siyaasaan yakkee hidhuu kan hammeesse murni faashistii PP, hawaasa maqaa bilxiginnaa leellisan malee kanneen biroo mirga jiraachuu irraa mulquun dararaa hanga kana hin jedhamne irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

