• Thu. Mar 23rd, 2023

Godina Lixa Harargee aanaa Habroo keessatti dararaan hidhattoota murna bilxiginnaan uummata nagaa irratti raawwatu jabaate itti fufee jiraachuu jiraattootni dubbatu

Mar 10, 2023

ONM-ABO 10 Bitootessa 2023

Waraana hedduminaan leenjisanii uummatatti bobbaasuu irraan kan ka’e fi dinagdee isaan harkatti kufeen wal qabatee mindaa kafaluu waan dadhabaniif aangoo isaanii tikfachuuf ilmaan Oromoo badii tokko malee qabanii mana hidhaatti darbuun saamicha irratti geggeessaa jiru.

Haaluma kanaan Lixa Harargee aanaa Habroo araddaa 7 iddoo jedhamu irraa dargaggoo Diinoo Jamaal kan jedhamu mana barumsaatu si himate jechuun erga mana maatii isaatii qabaniin booda waajjira poolisii magaalaa Miliilootti guyyoota lamaaf erga hidhanii, booda irra gara Galamsootti dabarsuun dararaa jiru jedhuun  jiraattotni ibsu.

Dargaggoo Zamadee Solomoon konkolaachisaa Baajaajii kan ta’e Osoo Baajaajii isaatiin dalagataa jiruu magaalaa Daalootii qabamuun waajjiruma Magaalaatiitti hidhanii, booda gara magaalaa aanaa Galamsootti dabarsuun iddoo dargaggootni leenjii waraanaa deemuuf qabamanii jiranitti geessuun abbaan isaa deddeebi’ee erga kadhateen booda qarshii 25,000 kafaluun gad lakkifame.

Kana malees waraanni baatii tokkoo oliif baayinaan araddaa 7 qubatee jiru dirqamaan hiyyeessaa fi  sooreessa osoo hin jenne mana hawaasa irra deemanii nyaata afaan qawween irraa nyaachaa fi harka qalleessaa nyaata sirrii hin laanneef akka reeban jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply